شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

duree

 Hajji`iifii umraa

Gatii hajji`iifii umra`aa
Adaba Imaltu`uu
Akkaataa hajji`iifii umraa hidhatuu
gosa hidhanna’aa 
Owwaatinsa ( attalbiya )
Waan nama hajji`iifii umraa hidhaterratti dhoowwamu
naamusa  Makka  seenu'uu
Xawaafa dhufiinsaa
Saysakha
Sa`yii
Arafaa dhaabbatuu
Arafa`arraa gara muzdalifa`aa dacha`uu
Muzdalifarraa gara mina yaa`u
Dalagaa guyyaa iida arafa`aa minatti dalagan
Mina buluu
Xawaafa dhaammanna`aa
umraa
Hajjiin ir`atuun waa afurin
Al`ihsaar ( dhoowwamuu )
Ziyaaraa masjida nabi muhammadiifii
Bid’aa bakka ziyaara’atti dhiifamuu qabdu
Waan nama madiinaa dhaqerraa barbaadamu
Dhuma kitaabaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

   
 

 

ÇáãÈíÊ Èãäì 

Mina buluu

  

 Guyyaa iidaa hoggaa, xawwaafafii sa`yi`irraa raaw`ate, minatti deebi`eeti mina bula guyyaa sadeen iidaa boodaa dhagaa boolla sadeenitti darbatu`uu jecha .

Duuba guyyaa lammeysaa iidaa,dhagaa diiddamii tokko minarraa guurate dhagaa akka muzdalifa`arraa guuratee kan dhagaa namni san dura darbate , kan najisa hin  tayin sun ni jibbamaa odoo kan isaan darbuun fayyaa tayullee taatee duuba hoggaa lameysaa iidaa salaanni zuhri`ii gaye salaata zuhri`ii hin salaanne , deemee boolla sadiyitti darbata

Wanni darbiinsa jalqabuun boolla duraa tan masjidulkhayfitti as aantu . hoggaa darbatu boolla tana.bitaa isatti dhiiseti qibla`atti gara galee dhagaa torban , tokko tokkoon itti darba akkuman tanaan dura dabarse akkaataa darbiinsaa keessatti eega darbatee, if dura deemeti bakka dhagaan warra darbuu isa hin geenye.qibla`atti gara galee dhaabbatee , du`aa`iifii , zikrii godha dheeressee hanga suuraa baqara`aa qara`an takka soda rabbiitifii if xiqqeessuu mul`isee .

Eegasii boolla lammeysa`aa ta jiddu`utti dabree akkuma ta duraa darbatetti darbatee hoggaa irraa raw`ate dhaabbatee hanga suuraa baqara`aa du`aa`ii godhata .

Eegasii boolla karraa,tan gara makkaa as aantutti dhagaa torba darbata akkuma guyyaa iidatti haa tayuu guyyaa iidaa isi`itti gara gale ammoo guyyaa sadeen iidaa boodaa isi`itti gara hin galuu hoggaa dhagaa isi`itti darbu akkuma dhagaa boolla biratti darbu qibla`atti gara gala isiin mirga isatti hafti duuba hoggaa boolla boodaa tanatti dhagaa torbaan darbatee fixe, akka boolla lamaan kaanitti bira hin dhaabbatuu biraa deemee bakka bultii isaa dhaqee mina bula . ammas borummaa guyyaa lameysaa iidaa dhagaa diiddamii sadii minarraa guuratee eega waytiin zuhri`ii seentee , akkuma kalessatti dhagaa torba torba boolla hundatti darbata 

Guyyaa sadeen iidaa boodaa kana zuhrii booda malee zuhrii dura darbuun hin gayu boolla sadeen tanatti hoggaa dhagaa darban guddo`oon jalqabuun darqama isiin ta gara masjidulkhayfii aantuu .

Eegasii ta jidduu itti aansuu eegasii ta gara Makkaa as aantu itti aansuu ammoo yoo ta boodaa tanarraa jalqabe , takkittii gara masjidaa qofaatu argamaafi guyyaa hunda dhagaa darbu`uuf dhiqatuun ni barbaaddama .

Duuba hoggaa guyyaa lammeysaa iidaa kana darbatan wanni imaama hajji’irraa barbaadamu khuxbaa godhuu.khuxbaa yookaa dubbii dheertuu dubbatu keessatti wanni isaan barsiisu,namni fedhe mina halkan sadeessa’aa buluu dhiisee odoo aduun hin dhiine yookaa hin seenne, minaa bayuun ni gaya jechuu .duuba imaamni warra hajji dhufetti dhaammata.

Duuba namni fedhe guyyaa lamaan kana darbateeti odoo aduun guyyaa lameysa’aa hin seenne minarraa baya.. sharxiin guyyaa lama qofa darbatanii deemu’uu guyyaa lameysaadhaa kan odoo aduun hin dhiine yookaa hin lin’e mina keessaa bayu .ammoo yoo odoo inni mina jiruu aduun itti dhiite , Maghribni itti gaye mina buluun isarratti jira. Jarjarfatuun dhoowwamee  guyyaa sadeessa’aa darbuun isa qabe  [1] akkuma san dura darbatetti dhagaa torba darba  eega zuhriin gayee eegasii gara makkaati deema . hoggaa makka gaye bakka {muhgasgab} ãÍÕÈ je’amtu qubatuun ni barbaadama . yoo isaa mijjaaye. Bakkeen tun qabroota warra makkaa biraa.hoggaa kana dalage hajjiin isaa guutamtee irraa raaw’ate.

Ammoo namni Umraa fedhe haramarraa gad bayeeti umraa hidhata .akkan akkaataa umra’aa keessatti siif dubbatu’uu taa’u


 

[1] ulamaa’ii garii biratti yoo eega inni miya raratee aduun dhiite odoo inni minaa hin bayin , rakkoo karaadhaa fa’aaf minatti hafee buluun  isarratti hin jiru yookaa hin wajjabu .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com